Posts

Showing posts from October, 2020
Image
  Sankofa                                                                         Zelealem Aberra Tesfa tiin* “Hinta’a jennaan, harree qalle Hinta’u; jennaan, harree ganne Qoricha; jennaan, dhaqnee dhabne!” Jecha Sankofa jedhamu kana Saba Akaan, biyya Ghanatu addunyaaf kennaa kenne jechuun ni danda’ma. Hiiki jecha kanaa – akka Wikipedian kaa’etti, – “teellaatti deebiani fudhachuu” jechuu; yookaan mallattoota (symbols) warra Asantee isa Adankira jedhamu keessatti, mallattoo simbira (shimbira) ofirra galagaltee hanqaaqu (killee, buphaa) dugdasheerraa fuudhaa muldhatuu ti. Yeroo baayyee kan jechi kun hidhata qabaatu makmaaksa warra Akan isa: “Se wo were fi na wosankofa a yenkyi” jedhuu waliin yennaa ta’u; hiikisaas, “Waan irraanfatame deebianii fudhachuun badii hin qabu.” jechuu ta’usaa ibsa Wikipedian . Simbirro Sankofa mallattoo Adankira keessaa: Simbirroon jecha Sankofa mallatteessitu kun hanqaauu dugdarratti baattee muldhatti. Hanqaaquun sun mallattoo egeree ta