Posts

Showing posts from April, 2021
  Miti-Dhiirota Masaraa Mootii Chaayinaa *** Faarsuu Oromoon buddeeniif faarsu keessaa: “ Yaa buddeen dhirsa dhiiraa” inni jedhu toora tokko. Oromoon “ Buddeen mootii dhaa” jedhas. Ulfinni buddeenniif qabnu hammam gudda akka ta’e himu jechoonni kun . Asmaaronnis yeroo buddeeniif weeddisan: “ Badhaasaa Calqanii, Badhaasaa Calqanii kan buddeen ajjeese madaasaa hin arganii” jedhu. Abbaa hubateef weedduun asmaarotaa kun hiika sadan tokko of keessa qaba. Inni tokko waayee isa buddeen dhabee beelaan du’uu ta’usaati. Inni lammaffaa waayee argu-itti-haree, guyyaa guutuu waa nyaachaa oolu, kan wichiroon buddeena ykn ( obesity )  galafatee yoo ta’u; inni sadaffaanii fi inni cimaan, walaloo kana waliin caalaa hidhata qabu garu akkataa itti buddeenich argme irratti xiyyeeffata. Buddeenen argame sun heeraa fi seera, safuu fi maal naan jedhuu boraafateetu argame moo abiyichi buddeeniif jedhee jira du’e, buddeeniif jedhee eenyummaasaa ajjeese laata gaaffii jedhu calaqqisa. Namichi akkasiin