Posts

Showing posts from October, 2021

Hooda Rirriittu eele / የማሰሻው ትንግርት

    Hooda Rirriittu eele **** Yoomu nan yaadadha amantee bar-duree Waayee kotte duudaa, gaangoo ilmoo harree Fagaatee akka hin deemne qalbiin habararee Qeyetti kan madaqsu waan akka matatii Qalbii laahsessaa gaangee tibtaabii - diggimtii Qorichi amanamaan rirriittu eeleeti. Kanaafuu… gaangee haaran bitamtee yeroo qeyee geessu Utuu ooltee hin bulin rirriittu nyaachisu Madaqoo garraamii akka ishee taasisu. Rirriittu afaan keenyaan hin baddu jedhama Akkuma rirrittu naannoftee naannofte, deebitee achuma Dhorkituu fincilaa ta’uusaatu amanama. Ija dura maree, qalbiitu takaalama. Gooftarratti hin kaatu, bar tasa hin finciltu Naannoftee, naannoftee, achumatti deebiti, akkuma rirriittu. Kunoo akkasittin tabulaa raazas shee diggimtiin xaxamaa Qaamashee alangaan reebamaa Konkonashee fuuloon, afaanshee lugamaan loggomamaa Takka takkas jaanoo fi baladiin faayamaa Umriishee guutu saggarti gooftaashee dugadatti baattee Baachuu dhaa, baatanii saggaaruu