Hooda Rirriittu eele / የማሰሻው ትንግርት

 


 Hooda Rirriittu eele

****

Yoomu nan yaadadha amantee bar-duree

Waayee kotte duudaa, gaangoo ilmoo harree

Fagaatee akka hin deemne qalbiin habararee

Qeyetti kan madaqsu waan akka matatii

Qalbii laahsessaa gaangee tibtaabii - diggimtii

Qorichi amanamaan rirriittu eeleeti.

Kanaafuu… gaangee haaran bitamtee yeroo qeyee geessu

Utuu ooltee hin bulin rirriittu nyaachisu

Madaqoo garraamii akka ishee taasisu.

Rirriittu afaan keenyaan hin baddu jedhama

Akkuma rirrittu naannoftee naannofte, deebitee achuma

Dhorkituu fincilaa ta’uusaatu amanama.

Ija dura maree, qalbiitu takaalama.

Gooftarratti hin kaatu, bar tasa hin finciltu

Naannoftee, naannoftee, achumatti deebiti, akkuma rirriittu.

Kunoo akkasittin tabulaa raazas shee diggimtiin xaxamaa

Qaamashee alangaan reebamaa

Konkonashee fuuloon, afaanshee lugamaan loggomamaa

Takka takkas jaanoo fi baladiin faayamaa

Umriishee guutu saggarti gooftaashee dugadatti baattee

Baachuu dhaa, baatanii saggaaruu dhaa, finciluu eessa yaadattee

Eessaa fincilti, silawoo rirriittu eelee nyaatte.  

Kunoo akkasiin gaangoon sun, intalli wadala harree

Qeyee gootaasheerraa hin baddu, qalbiinshee habarare

Hin finciltu, hin ciniintu, hin utaaltu

Hin wareertu hin dammaqxuu,

Kottesheenis gooftaa hin dhiittu

kan itti fe’an baatti amanamaa

Abaaramtitti, ilbisitti magaajitti jedhamaa.  

Salphattee, ofiishees, abbaashees tuffachaa

Bara baraan jiraatti ba’aa baachaa

“Abbaankee eenyuu” yeroo gaafatamtu

“Essumikoo fardaam, maal akkam wallaaltuu? jechaa.

 

                                       Zelealem Aberra Tesfa

                                    01.12.2021

የማሰሻው ትንግርት

***

ትዝ  ይለኛል አንድ የዱሮ እምነት

የቤት አንስሳ በተለይም የጋማ ከብት

ርቆ እንዳይሄድ አንዳይጠፋ የሚጎትት

መተት ቢጤ፣ ወይም ትብታብ - - ድግምት

በተለምዶ የታማነ አንዱ ብልሃት

ነበር አሉ በቁሎይቱን ማሰሻ ማብላት

ወድያውኑ ተገዝታ ቄዬ የመጣች እለት

እንዳትጠፋ፣ ርቃ እንዳትሄድ፣ እንዳታምጽ የሚገራት

ፍቱን ነበር አሉ ማሰሻ ማጉረስ፤ ማሰሻ ማብላት።

እንዴት ቢባል፣ ልክ እንደ ማሰሻው ዙርያውን አስሳ፣ አስሳ   

ዞራ ዞራ እዚያው ናት አሉ ተመልሳ

ያግዳታል አሉ ጌታዋ ላይ  እንዳትነሳ።

እና ያቺ በቁሎ ከቁጥጥር ውጭ ሳትወጣ

ወደ ጌታዋ አንድትመለስ ተቆጥባ ከፍርጠጣ

ዞሮ-ዞሮ-እዚያው፣ እንደ ማሰሻ፣ ልክ እንደ ምጣዱ ፎጣ

ዞራ፣ ዞራ፣ ዬትም ግጣ፣ ውኋም ተግታ፣ ሣሩዋን ግጣ።

ከዚያማ ታቡላ ራዛዋን በትብታብ ተተብትባ

አካላትዋን ባለንጋ ተጠብጥባ

አፍዋን ተሸብባ፣ በጉዋምም ተለጉማ

አንዳንዴም በጌጣ ጌጥ  ተሸልማ

ዕድሜ ልኳን ትሰግራለች ጌታዋን ተሸክማ

መሸከም ነው፣ ተሸክማ መስገር ነው፣ ለአመጽ፣ ሳትነሳ

እንዴት ትነሳ ቀደም ብላ ማሰሻ ጎርሳ።   

እና ያቺ በቁሎ፣ ያቺ ያህያ አንጡራ ልጅ

ርቃ አትሄድም ከጌታዋ ደጅ፤

አትናከስ፣ አትራገጥ

አትደነብር፣ አትበረግግ፣ ጸጥ ለጥ

ታማኝ ሆና የጫንዋትን ትሽከማለች

እርጉም፣ አረመኔ፣ ከይሲ፣ መጋዣ፣ እየተባለች

ተዋርዳ፣ ራሷንም አባቷንም ጠልታ እየናቀች

አባትሽ ማነው?” ስትባልአጎቴ ፈረስ ነው!” እያለች።  

****

            ዘለዓለም አበራ ተስፋ

            16.09.2021

            ሔልሲንኪ / ፊንላንድ

Comments

  1. Akka bifaan guddinaaf Gaangeen ilmoolee hin dhabduu akka lammii baayyinaaf garbummaan nuuf hin maluu.

    ReplyDelete
  2. Fantastic, thank you, dear Dr. Zelalem. I always wish to listen to your new Afaan Oromo poems, and I don’t get bored with your previous ones too. We listened to your lyrics at the coffee ceremony (“Tera-tim”) in our small village. My parents and relatives there are very interested in listening to it. I used to bring them every part of your audio. Every time they came to our home, they used to ask me, saying, “mee namicha sana nuuf bani.” The culture and the way you read embarrasses them. The accent and the culture are similar to our area, Wanbra, Metekel. I wish you the best to come to your life and expect more from you. Big respect! Jabaadhaa; jabaa namaa.

    ReplyDelete
    Replies
    1. Afaan oromootti.osoo jijjiirame

      Delete
    2. Baayyee namattii tola, galatoomaa Dr. Zalaalam. Yeroo hunda, walaloo Afaan Oromoo keessan haaraa dhageeffachuufan hawwa. Isa kanaan duraas hin nuffine. Maatiif ollaa bunaa keenya waliin walaloo keessan dhageeffachaa turre. Walaloo keessan hundasaa nan daggeffachiisan ture. Yeroo dabareen bunaa mana keenya ta'u, "mee namicha sana nuuf bani" jedhu. Baayyee iti tola, aadaanis loqonnis waan wal fakkaatuuf baayyee jaallatu. Aanaan keenya Waanbara, godina Matakkalaa. Jireenya keessan gara fuulduraaf waanta gaarii hundan isiniif hawwa; hojii keessan babbareedaa kanammoo hawwiinan eega. Kabajaaf ulfina guddaan isiniif qaba. Jabaadhaa jabaa keenya.

      Delete

Post a Comment

Popular posts from this blog

Geerarsaa: A Multifaceted Genre of the Oromoo Oral Art

The Repertoires and Social Roles of Oromoo Asmaarii’s Performance