Miti-Dhiirota Masaraa Mootii Chaayinaa

***

Faarsuu Oromoon buddeeniif faarsu keessaa: Yaa buddeen dhirsa dhiiraa” inni jedhu toora tokko. Oromoon Buddeen mootii dhaa” jedhas. Ulfinni buddeenniif qabnu hammam gudda akka ta’e himu jechoonni kun. Asmaaronnis yeroo buddeeniif weeddisan: Badhaasaa Calqanii, Badhaasaa Calqanii kan buddeen ajjeese madaasaa hin arganii” jedhu. Abbaa hubateef weedduun asmaarotaa kun hiika sadan tokko of keessa qaba. Inni tokko waayee isa buddeen dhabee beelaan du’uu ta’usaati. Inni lammaffaa waayee argu-itti-haree, guyyaa guutuu waa nyaachaa oolu, kan wichiroon buddeena ykn (obesity)  galafatee yoo ta’u; inni sadaffaanii fi inni cimaan, walaloo kana waliin caalaa hidhata qabu garu akkataa itti buddeenich argme irratti xiyyeeffata. Buddeenen argame sun heeraa fi seera, safuu fi maal naan jedhuu boraafateetu argame moo abiyichi buddeeniif jedhee jira du’e, buddeeniif jedhee eenyummaasaa ajjeese laata gaaffii jedhu calaqqisa. Namichi akkasiin buddeen baafate jiraa du'e jechaa dha. Sadanuu buddeentu otoo hin madeessin, otoo dhiiga hincobsin ajjeese jechaa dha. 

***

Malaa fi tooftaa ittii buddeen argatan biiyi hundumtu akka aadaa fi heerasaatti qabaachuunsaa mirkana. Warri Chaayinaas, keessuma warri harka-qalleeyyin,  utuu biyyattiin bakka hardha jirtu kana hin gahiniin dura tooftaa fi mala uggumsiisaa qabu turani. Dhimma kana qorattoonni muraasi qoratanii galmeessaniiru. Galmeensaani kun keessumaa iyyeeyyiin biyya Chayinaa mootiif bulanii, masara mootii keessatti ashakarii ta’uun aangoo cimaa fi buddeen furdaa argachuuf miidhaa suukkanneessa isaan eenyumaasaanirraan gahan maal akka fakkaatu galemmeessaniiru. Walaloonkoo kun galmeesaani kanarratti hundaawa. Dhimma kanarratti kitaabonnii fi barreeffamoonni adda-addaa waan jiraniif sakatta’a gochuu ni dandeessu. Kankoo kaayyoon seenaa uggumsiisaa kana akka natti dhagahametti isiniin gahuu dha. Akkuma walalookoo isaDu’a gurraacha” moggaafame sanaa jechuukoo ti. Kanaafuu walaloon seenaa boraafate kun haa gabaabbatu malee – gara fuulduraatti dheeressuun, cululuqsuun ykn yoo barbaachise shaakatteessuun akkum jiru ta’ee, ammaaf isa dhiyaate kana Lafa hinbuutu, lafeerraa buuti”  jechaa naa caqasaa. Elaa kunoo ti:

Miti-Dhiirota Masaraa Mootota Chaayinaa

***

Biyyeen biyya Chaayinaa, sammuushee cuunfite

Taatee taatessitee, Budhaa itti kadhattee

Yaadaa fi meeshaas hortee

Kompasii fi baaruda, adunyaa badhaaste

Haarrii fi waraqata, seismograph fi shaayi

Marqaa rirma-baallee, gojjolaa foon bofaa, affeellii fi akaayii

Akaayii goonjiree, akaayii goondaa diimaa yookaan kan gurraacha

Foon loccuu, foon xuqaa ykn kan fattee fi akkasumas raacha

Baala dhangaggaawu, baala isa mi’aawu, sukkaaraa fi eebicha

Ittiin guuttachuu dhaaf (xeerii) fi garaacha

-       (Lammileen Siikkoo fi Mandoo maaloo na oofkalchaa)

Munyuuqaa lafarraa isa kam afeellee isa kam waxallaa?

Raammoo bishaan keessaa yoo maal goonee nyaannee ittiin lama bullaa?

Dugguloo luxuu leemmanaa, affeellii luxuu shimalaa

Hedduu gumachani, waan ittiin ajjeesan agabuu fi beela.

***

Beekoo marii’agessa, Konfucious fi Sun Tzu

Zhuangzi, Mencius akkasumas Lao Tzu

Eeyyee….seena saani keessaa hooda baayyee qabu

Garuu…hunda caalaa kan nama ajaaibu

Homaa hin balfani hunda warakkabuu

Beela mo’achuudhaaf, daangaa safuu darbu  

Dubbii ajaa’iba dubbii akka hooda

Suukkanneessaa qalbii, adoochaa gudeedaa

Dubbii rifaasisaan suukkanneessaan sammuu

Dirqii tokko malee fedhumasaaniitiin dhirummaa sarbamu.

Homaa hin leeya’ani, hamileensaani hin cabu

Quunxee of mursiisani riqa aangoo ittiin yaabu.

Kunoo akka kanaan…dhiirri Chaayinaa durii

Qaalluun itti haa himuu cinaankee gurguri

Itti muldhisinnaa jawwichi saani sun, itti himinnaa tarii?

Jawwee abidda tufu, inni koochoo qabu, kan kotteen afurii?

Balali’aan sammii, baqqaanaan qilleensaa, tatarsaasaan huurrii.

Dhiirummaasaa kennee xuwaashummaa filata

Ulfinaafi maqaasaa bar darbatee gata

Eenyummaaf maqaasaan buddeen jiijirrata

Cinaan of mursiisee aangoo ittiin argata

Qeyee mootii Chaayinaa miti-dhiirotaan guuta.

Tarkaanfiinsaa kun maaliif akka ta’e sababa tarreessa

Raashinaalee kennuuf waan hedduu odeessa:

 Dhiirummaan maal godhaa?

Harma mootiin hodhaa

Dhiirummaan maal bu’a?

Garbicha amanamaa ta’een nyaadhee du’a.

Quunxee harreef dhiise! Harree abbaa gaangoo

Anaaf buddeen kennaa, buddeen furdaa fi aangoo

Cinaan boollaa haa lixu quunxee haadabalatu

Dhiirummaa geeraran silas maal buufatu?

Dhiirummaan maal bu’aa? Barr’ abbaasaa haanyaatu”

Raashinaalee kanaan xuwashummaa filatu.

***

Dhugaa dha, ija mooti duratti isaantu amanama

Iciitiin masaraa isaanitti himama

Aangoo fi qabeenyaan irkoo jabeeffatu

Qaalluu amantaa Budhaan haariiro tolchatu

Siyaasaa biyyatti harkatti galchatu

Isaan harka jira aangoon waa hundumtu

Mooti sana waliin eenyu akka dubbatu

Isaani kan murteessu

Gurra mootii sanatti eenyu akka asaasu

Isaantu ol liccisa

Isaantu ittisa

Isaantu kan gadi baasa

Isaantu shira xaxa

Isaantu miriixa

Bar quufee firinxiixa.

Mootii arguuf jecha abbaan haa wareeguu

Yookaan haa shimilu yookaan haa munaagu

Fedhe haa dheekkamu yookaanis haa fagu

Miti-dhiiraan yoo hin jenne eenyuyyuu mooti hin argu.

Yoo muraasaa malee….

Bar amanamoo dha xuwaashonni hundumtuu

Akkas ta’usaaniis mootiin akka hubatu

Waan baayyee hojjetu, …waan baayyee hojjetu

Fakkenyaaf…yeroonni qufa’u, yeroonni haakkiafatu

Barruu itti qabatu, beleesaani afu

Lafatti akka hin tufne, akkanni itti tufu.

Mootii nagaa taa’u, hin kufin ol qabu

Yoo inni dhukubsate, ofii fayyaa dhabu

***

Amanamaan kun giiftiifaas hin eega

Eessaa ciisee rafaa, eessaa taa’ee muga

Yaandoo gad haa naquu bubbeen haa bubbisu

Dukkanaan-adeemaan kan gufuu buqqisu

Jarjaraan ganamaa kan fixeensa buusu

Bifaan booji’amaan kan jaalalli fiigsu

Inni yaadasaatiin giiftifaa soqolu, wayyaa irraa quncisu

Ofumaa dhama’a namichi akka lootuu giiftiitti qaxxisu

Ofii-maayii-hin-baasneen kaanitti hinaafisu

Eessaa fucha kennaaf, kottoonfatee eega, bar ijasaa hin liphsu.

Abdii haa kutatu inni giiftii gaaadu

Fedhe… dudubachaa hadeemu yookaan ciisee haa aadu

Miti-dhiiraadhaa jiru giiftiin sanyoo hin qabdu.

Halkan ta’e guyyaa, isaa achi jiru

Dhiirri achiin hin darbu, bar hin qaxxaamuru.

***

Eeyyeeni… dafqa malee nyaatu, yeroo inni kaan dafqu

Riqa angoo gubbaa ol siquu gad siquu

Hinaaffaa fi shakka ceephoo fi wal qeequu

Walirratti shiruu yaadaan wal miliquu

Garuu hunda caalaa…

Coomaa bangal gochaa, daadhii wayinii habbuuquu.

Haa ta’uyyuu malee… karaa isa kaanimmoo

Qoodaa jiruusaaniif hedduu amanamoo

Eegee raasuu kanaan, sareedhaan dogomoo

Mootichaaf Mooteefis hedduu mararamoo

Jireenya rifaasisa haalota hedduu hamoo

Kana hunda nuffuun baduu yaalanimmoo

Kan isaan eeggatu adabbii ciccimoo.

***

Eeyyeeni….qooda hireesaaniif bu’aa guddaa argatu

Salphinaan maranii buddeen furdaa nyaatu

Eenyummaa gatanii aangootti asii ol ba’u

Dhiiraaf dhalaa gidduu ginniffa rarra’u

Qabeenyaan ol siqu, namummaan gadi bu’u

Eenyummaa machaawu, dhiirummaan hindu’u.

Kunoo kana hubatee …namni isaan tuffata

Argasaani jibba sabni isaan baqata

Firri isaan mufata, ni balaaleffata

Yaa mit-dhiiraa masaraa

Yaa albaadhessa abbaa-garaa” 

Jedhee itti geerara.

***

Egaa…kunoo dur akkasi, hardha garuu hin jiru

Jawwichi itti haa himuu, kan qilleensa keessa oli-gadi marmaaru

Yookaan waaqisaani, Bud'haan  haa gargaaru

Hunduu hin jijjiramaa bara dhufee taru

Miti-dhiirummaa sana hardha dhiisaniiru

Iyyeessi Chaayinaa tokko…

Buddeen furdaaf jedhee eenyummaa hin jijjiiru

Aangoo argachuuf jecha…

Of hin xuwaashessu dhiirummaa hin guguru.

***

                               Zelealem Aberra Tesfa

                               Caamsaa 4 bara 2021

Helsinki / Finland  

Comments

Popular posts from this blog

Geerarsaa: A Multifaceted Genre of the Oromoo Oral Art

Hooda Rirriittu eele / የማሰሻው ትንግርት

The Repertoires and Social Roles of Oromoo Asmaarii’s Performance