Sankofa

                                                                        Zelealem Aberra Tesfa tiin*

“Hinta’a jennaan, harree qalle

Hinta’u; jennaan, harree ganne

Qoricha; jennaan, dhaqnee dhabne!”

Jecha Sankofa jedhamu kana Saba Akaan, biyya Ghanatu addunyaaf kennaa kenne jechuun ni danda’ma. Hiiki jecha kanaa – akka Wikipedian kaa’etti, – “teellaatti deebiani fudhachuu” jechuu; yookaan mallattoota (symbols) warra Asantee isa Adankira jedhamu keessatti, mallattoo simbira (shimbira) ofirra galagaltee hanqaaqu (killee, buphaa) dugdasheerraa fuudhaa muldhatuu ti. Yeroo baayyee kan jechi kun hidhata qabaatu makmaaksa warra Akan isa: “Se wo were fi na wosankofa a yenkyi” jedhuu waliin yennaa ta’u; hiikisaas, “Waan irraanfatame deebianii fudhachuun badii hin qabu.” jechuu ta’usaa ibsa Wikipedian.

Simbirro Sankofa mallattoo Adankira keessaa:




Simbirroon jecha Sankofa mallatteessitu kun hanqaauu dugdarratti baattee muldhatti. Hanqaaquun sun mallattoo egeree ta’usaa ti. Akkuma kanaan kan isheen ofirra galagaltee ilaalaa jirtu kun kaleessashee qofaa otoo hin taane egereesheetis. Egereeshee kana yookaan hanqaaquushee, kan kunuunsu, kan haammatu ishee qofaa ta’u qaba. Akkuma beektan simbirronni hundi akka hormi hanqqauusaani qaqqabu hin fedhani. Hanqaaquun hormi qaqqabe wucoo ta’unsaa hafee ajeessaa ta’a. Aadaanis akkasuma. Abbaatu kunuunfata, harki ormaa qaqqabnaan ajeessaa ta’usaa ti. Jechi Sankofa kun hardha biyya Ghana irra cehee idle adunyaa irratti bifa adda addaatiin beekameera. Fakkeenyaaf, akka armaa gaditti muldhatutti, dhaabbilee aadaa fi barnootaa tokko tokkoof mallaattoo yookaan asxaa ta’ee argina.


Beekamaan ogeessa filmii Obbo Haile Garima, bara 1993 filmii Sankofa** moggaafame hojjetee hawaasa filmi do’achuu jaallatuuf dhiyeessee ture. Filmiin kunis do’attoota kana biratti jaallatama guddaa waan argateef Obbo Haile Garimaaf badhaasa baayyeef maqaa olaanaa akka kennisiiseef dhageessaniittu ta’a.***

Ergaan Sankofan of keessatti baate kun hannisa qabeessa waan ta’eef, fudhatamaa fi hubannoo guddaa argateera. Qalbii nama baayyees booji’eera. Sankofan hardha faayya wayyaa (huccuu) ittiin faayyan; lootii gurratti kaayyatan; dirii mormatti diratan ta’e argina.


Jaallatama guddaa waan argateefis namoonni baayyeen kutaa qaama saani keessaa isa tokko akka ta’u waan heddu hawwaniif, qaama isa uumaan kenneefitti akka makamee tokko ta’u yaala waan jiran fakkaatu. Yoo keessa qaamaatti makamuu baatellee, gogaa nandhaarratti jechuufani. Kanaafu dubartoonni mallattoo simbira Sankofa, qiinxii dugdaarratti, mudhiirratti, harkarratti, salgiirratti, mormarratti; dargaggoonni harkarratti, qomarratti, miillarratti tumatanii argina.

Suuraa hundi www. Google.fi kessaa ergifatamani.



“Dubbiinoo itti gala qabaa; maaliif waayee Sankofa kanaa kaastee afaan nugogsitaree?” jechuun keessani oola hin fakkaatu. Waayee Sankofa kanin hardha kaaseef haala nuyi amma keessa jirru waliin hidhata waan qabu ijaa natti fakkaate. Ergaa Sankofa keessaa yookaan dammaqinaan (consciously), yookaan dunquqquun (subconsciously) waan simannee keessumsiisaa jirru natti fakkaata. Yeroon ammaa kun Oromoota baayyeef (anaanuu dabalate) yeroo nuyi aadaa keenyaa fi amantii abbootii keenya waliin battala wal kallatteesine; yookaan addaan walitti buune yoon jedhe dhugaarraa fagaadhe natti hin fakkaatu. Qabiyeen aadaa keenyaa fi amantii keenyaa baayyee keenyaaf keessummaa dha. Lakkobsa mandheen qabiyyee kana hiikamee waan haaraan keessaa as bayee dhageenyetti, yookaan arginetti “Edaa kunis jiraa? … Edaa akkasii?” yeroo itti jennee uggumsiifannu. Ofteellaa mildhachuu keenya kana maqaasaa Sankofa hin jedhin malee; of teellaa mildhannee waan daganne, waan irraanfanne, waan gatne “Waan kun nu fayyaduunsaa hin oolu” yeroo itti jennee madaallu. Kanaafu seenaa keenya keessa, amantii keenya keessa, durdurii fi hooda keenya keessa galagallee mildhachuun, xinxaluun, sakattaanee galmeessu jalqabuun keenya kun jecha Sankofa warra Akan kana waliin wal una! Teel-mildhuun akkasi kun bu’aa baayyee inni qabu keessa tokko, seenaa fi aadaa saba isa kaani waliin kan wal nu fakkeessus yookaan kan adda nu taasisus kan arguu dandeenyu isa keessaati ta’usaati.

Haata’u maleessa, yeroo waayee amantee keenyaa kaasnu waayee mythology yookaan hooda durii tuffannee dhiisnee yookaan gatne yookaan dagannee dabarra jechaa miti. Adunyaan misoome kun, isa lixaas haa ta’u isa bahaa; hooda akaakilii fi abaabileen saani ittiin jiraatani darban “kun hooda bara doofummaa ti”, jedhani isanuma waliin awwaalani harka haxaawatani hin teenye. Qoratani, sakatta’anii bifa barrootiin, bifa filmiitiin, dramaatiin (do’itiin) galmeessani, ol kaa’u qofa otoo hin taane hardhayyuu bifa adda addaatiin itti gargaaramaa jiru. Dhugaa dha, fakkeenyaaf Werewolf (nam-wangoo), mermaid (addooyyee galaanaa) yoo dur-durii keessatti ta’e malee yeroo ammaa kana namni qaamaan jiraachuusaani afaan guute dubbatu isa qalbiin hubame ta’u qaba. Biyya Orooppattis ta’e iddoo kaanitti, lakoobsa baatiin goobantee cagginaayetti Werewolf (nam-wangoo) yeelalu hin arginu, hin dhageenyu. Gargaarsa saainsiitiin garu yeroo Michael Jacssoni ija keenya duratti nam-wangootti geeddaruuf fakkeessan argineerra. “Saainsiin dagaageera, hoodi kun hooda jabana warra doofaa ti; siachi maal nu fayyadaa?” jedhani hooda durii sana hin awwaalle.

Hardha waltajjiin ogina warra misoomee (filmi, opera, drama, weedduu fi sirba, akkasumas kartooni, fi siidaa) ofirra galagalee, hoodasaa durii keessaa qabeenya abbootisaarraa dhaale, yookaan aadaa abbooti durii saainsiin maree hawaasa hardhaaf dhiyeessa. Yeroo Charleton Heston Musee fakkaatee Galaana Diimaa iddoo lamatti baqqaanu hundi keenya agarreerra natti fakkaata. Beekaafi ogeessa saainsi kan ture, Albert Anestin nama jedhamu tokko natti fakkaata kan: “Science without religion is lame, religion without science is blind.” kan jedhe. Saainsiin amantii malee naafaa; amanteen saainsii malee jaamaa.” akka jechu!

Kana yeroon jedhu, lakkobsa irriba dhabnee wareera bulletti cittuu sibiilaa boraati jala kaawwannee haarafnuu; lakoobsa ganama bultee nyaannee buna dhugnutti oolmaa keenya hardhaa dursinee baruuf shinii bunaa gombisnee haa ilaallannuu; hantuuta du’ee karraarra ciisurra hin tarkaanfannu; yoo dagannee tarkaanfanneerra ta’e irra haa deebinu; nuyii dhimmaaf manaa ba’hu, yoo dubartiin ollaa okkotee duwwaa baattee nutti dhufte; yookaan funyoo marattee nutti dhufte ofirra galagallee gara manaatti haa deebinuu; jechaa koo akka hin taane beektun jedha. Dabaleess, fakkeenyan mariif dhiyeesse kanas hundatu “tole” jedhee mormii tokko malee fudhata jechuufis miti. “Lakkii yaa obboleessoo; an eegan cittuu sibiilaa boraafadhee buluu jalqabeeti kanin wareeruuf bibirr’achuu dhiisee irriba nagaa rafe!” kan jedhu yoo jiraate, namni kun cittuu sibiilaa boraafatee irriba nagaa rafuunsaa anaaf mataa bowwuu ta’e irriba na dhowwu hin qabu. Sibiila cittuu boraafatee rafuunsaa nama kanaaf suga qorqalbii (Psychological satisfaction) fi irriba nagaa kenneeraaf taanaan; anaan maaltu qiinxe!

Oromoon bara durii bakka jiraate hundatti, jiruu hojjetee ittiin buluutti yeroo bobba’u rakkina isa mudateef furmaata akka ta’u; akkasumas naannasaa waliin nagaa jiraachuuf, waan lubbu qabuufis ta’e waan lubbuu hin qabne hunda waliin hariiroo nagaa uumuuf seera hin barreeffamin, seera waloo (common law) uummatee, ittiin jiraateera. ture natti fakkaata. Akkaata Oromoon haala uumaa tokko tokko simatee, yookaan deebi inni kenne (dhukkubaaf, humna uumaa isa rifaasisaaf kkf) oguma saainsiis walin waan hidhata cimaa qaban fakkaata. Fakkeenyaaf, inni warri keenya bokkaan yeroo roobu qottotti ramacii fi mokota hammaarani qarmammeetti balabalaarra kaa’an, bakakkaa ittii qolachuufi laata? Warri Orooppaa akka shiboon bakakkaa qolatan ni beektu mitii? Wayyaa (huccuu) miiccamee qoore utuu hinqabanaayin, akkuma aduu keessaa fuutataniin hinuffatina nuun jedhu turan warri keenya. Tarii qaama qabbanaawatti wayyaa (huccuu) ho’aa uffachuun qufaa fi libaalibbee (fever) namatti fida laata? Orooppaan gaanfaa fi dhulaandhulaan kooba. Oromoonis kolbaan yookaan gaanfan kooba. Orooppaan kubbaayyaa fi jirbiin buta; Oromoonis akkasuma. Utuu Freud waayee Odipus Syndromi (Odipus hinffaarraan kan ka’e, abbaasaa ajjeesee haadhasaa fuudhee jdha mytholojiin warra Greek; safuun kan Waaqaatiii!) adunyaatti hin ibsin dura hin tain oola jettu kan Oromoon “Qoccoon kun abbaa ajjeeseeraa?” jedhee gaafate? Matuma waan dura kaanee teellaatti hafne natti fakkaata! Wanti tokko garuu ifaa akka baatii birraati: Isaan kansaani nimisoomfatani. Kan keenya ni quucare; yookaan ni qummune. Waluma galatti yoo harkumaan of tuffannee of xinneessuuf kaane malee, abbootiin keenya saayinsiifis ta’e amantiif,  seeraa fis ta’e oginaaf, afaanifis ta’e (qooqaaf) aadaa dhala namaatiif gumaata guddaa gumachuunsaani mamii hin qabu.

Kanaafu, abbootiin keenya bu’aa-bayii jireenyaa keessatti rakkina isaan mudateef furmaata beekumsa saani yeroo sanaa irratti hundaa’ani uuman waan ta’ef seenaafis haa ta’u egeree keenyaaf akka hundee ta’uf qabeenya dhaalle kana “fokkisaa” haata’uu bareedaa, galmeessinee ol kaayyachuun keenya badii hin qabu. Qabeenyi abbootiin keenya omishan kunis qabeenya warri kaan omishan waliin wal keessa baduu hin qabu. Jechaan kreditiin abbooti keenyaa harree harree keessa badde ta’u hin qabu! “A man who lost his credit is dead to the world” jedhu warri Orooppaa!

Karaa kaanimmoo, furmaati isaan rakkinasaaniif uumanii, nuyi dhalooti hardhaa dhaalle kun gara fuulduraatti faaydaa haaqabaatus haadhabus, qaama seena fi aadaa keenya waan ta’eef, gar tokkee qaama seena tokkoo awwaalani, gar tokkeesaa isa hafeen jiraachuun danda’muunsaa, isinitti maal akka fakkaatu hin beeku; anaan garuu jireenya sobaa, jireenya hirdhuu natti fakkaata.

Egaa, abbootiin keenya hin ta’a jedhani harree qalani, haa jennnu! Nuyimmoo dhalooti hardhaa beekneerraa, qaroomneerra! warri ofiin jennu kun, “hin ta’u, silumasaayyuu maaf harree qaltanii? … Harree qaluun haraamii dhaa!” ittiin jenna ta’a. Isaanis, beektotaa fi qaroomoo ilmooleesaani kanarraa gorsa ammayyaa argachusaanitti boonanii; badii hojjetan kanatti gaabbaa; qaqqaanawaa; harree haranii gatu haa jennu. Tarii, gaaftokko, “Inni haramee gatamee sun qorichaa, dhaqaa fidaa!”, yoo jedhamee, fiduu dhaqanii yenna dhaban gaabbii dhalootaa dhalootatti darbu gaabbuutu dhufa! “Waa kaa’uun hin baduu jette jaartiin durbbummaan hafte!” jedha Oromoon, yennaa qoosaa mammaaku!

* Barreesaan: Zelealem Aberra Tesfa – zelealemaberra@yahoo.com

** Waayee qabiyyee filmi Sankofa yoo baruu barbaaddan, asii dubbisu ni dandeessu: http://www.wmich.edu/dialogues/texts/sankofa.htm

*** Filmi Sankofa ilaaluuf as tuqaa:  (http://www.youtube.com/watch?v=BfAYqTxD_m8)

 

Comments

  1. Barumsa guddaa nuu dabarsitani. Galatoomaa!!

    ReplyDelete
  2. Hayyoota akkasii kanarraa dhalachuun Carroomuudha

    ReplyDelete
  3. Yaa obbo Zalaalam, galanni keessan lakku lakkuu isiniif haa ta'utii; Jarri adii kun amantiin wal qabsiisanii aadaan keenya cubbuu nutti fakkaatee waa meeqa balleessine seetan! Amma egaa adadumaan itti deemnee deebifachuun dirqama taati.

    ReplyDelete
  4. Beekan ennaa jiraatte waa baruu
    Beekaa keenya umurii arageessa nu jiraadha

    ReplyDelete
  5. Obbo Zelealem lammii koo, barrumsaa guddaan baraadhe,
    Galaata guddaa qabduu. Qalamnii kessan ha mirgisuu.

    ReplyDelete

Post a Comment

Popular posts from this blog

Geerarsaa: A Multifaceted Genre of the Oromoo Oral Art

Hooda Rirriittu eele / የማሰሻው ትንግርት

The Repertoires and Social Roles of Oromoo Asmaarii’s Performance