Dhagawuun dadhabe
Dhagawuun dadhabe ፨ ፨ ፨ ፨ ፨ Innis… natti himuu jalqabe Anis…gurran itti qabe: “Attam ture wantisaa…..? Attam turee laataa? Bishaan harkaa baadheen nan muge fakkaata Irriba fokkistuu; irribi kaleessaa Dhagaa gubbaa taa’ee abjuu natti odeessaa Marga gubbaa taa’een gurrakoo itti qeensaa; Huurrii fi aara woyii mataatti na aguugaa Haadhakoo gudeedee abbaakoo ajjeese; wabiif harki dhiigaa Utuman kana arguu saamunaa dhaaf bishaan baadheen jala fiiga Hoo abbaa kootii…jedheen baqachuu dhaaf fiiga Nan fachisan jedhaa, irreetu na laafaa, hantuutootu na muga Kan akkakoo hin jiru, namni qalbiin deegaa. Yammuun rafee ka’u, narra ijaajjee kolfa Haadhakoo gudeedee abbaakoo ajjeesee inno ammayyuu inkolfa Isanni natti kolfu, anis duukaan kolfa Uggum yaa anaa kanaa, nama qalbiin hoffaa!” Maali…? hin qaanawuu maalo, kana yeroo natti himu Du’ee biyyoo hanyaatu qileen haa d...