Dhagawuun dadhabe


Dhagawuun dadhabe

              

Innis… natti himuu jalqabe
Anis…gurran itti qabe:

“Attam ture wantisaa…..? Attam turee laataa?
Bishaan harkaa baadheen nan muge fakkaata
Irriba fokkistuu; irribi kaleessaa
Dhagaa gubbaa taa’ee abjuu natti odeessaa
Marga gubbaa taa’een gurrakoo itti qeensaa;
Huurrii fi aara woyii mataatti na aguugaa
Haadhakoo gudeedee abbaakoo ajjeese; wabiif harki dhiigaa
Utuman kana arguu saamunaa dhaaf bishaan baadheen jala fiiga
Hoo abbaa kootii…jedheen baqachuu dhaaf fiiga
Nan fachisan jedhaa, irreetu na laafaa, hantuutootu na muga
Kan akkakoo hin jiru, namni qalbiin deegaa.
Yammuun rafee ka’u, narra ijaajjee kolfa
Haadhakoo gudeedee abbaakoo ajjeesee inno ammayyuu inkolfa
Isanni natti kolfu, anis duukaan kolfa
Uggum yaa anaa kanaa, nama qalbiin hoffaa!”

Maali…? hin qaanawuu maalo, kana yeroo natti himu
Du’ee biyyoo hanyaatu qileen haa dhidhimuu
Dhagawuun dadhabe
Iddoosaan qaanayee, mataan gad-nacabe
Maal namni hin qaanofne…kana natti odeessaa?
Du’ee biyyoo ha nyaatu salgan namaa keessaa.

                                                Zelealem Aberra Tesfa
22.11.2017
Helsinki / Finland

Comments

Popular posts from this blog

Geerarsaa: A Multifaceted Genre of the Oromoo Oral Art

Hooda Rirriittu eele / የማሰሻው ትንግርት

The Repertoires and Social Roles of Oromoo Asmaarii’s Performance