Maraadhu namana!




Maraadhu namana!

              


   Maraadhuu si gorsee
   Maa mataa jabaattaa?
   "Maraadhuu" si gorsee
   Diddee dhukubsatta
Maraadhu namana...
Yoos fooyyee argattaa.

*    *     *
Dafqa xuruurfattaa
"Akka gugee kaattaa
Harka buleen nyaattaa”
Bayyaannadha seeta
Ofumaa dhamaata
Maraadhu namana…
Maraattee fooyyoftaa!

*     *     *
Inni fayyaa bule godoo taa’ee muga
Kan maraatee garuu, olii fi gadi fiiga
Ofiis nagaa lagee, kaanis nagaa laga
Kaleessa cirracha hardha warqee haga.
                                               
*    *     *
Amma utuu maraattee……
Daangaa murtee nyaachuu
Fedhe Waaqaa wojjiin iccitii hirmaachuu
Haadha Margoo hattee bobaakeetti baachuu
Uurjii fottoqsitee sanyoof kennaa laachuu
Eenyutu si dhowwa?
Lakkii hin ta’in gowwaa;

*   *    *
Amma utuu maraattee…
Mataan si dhukubnaan kaaniitu sii bowwa’a
Garaan si ciniinnaan kaantu siif alba’a
Yeroo ati gaggabdu, isa kaantu sii du’a
Maraadhu namana, lakkii hintain gowwaa

*   *    *
Amma utuu maraattee….
Amma utuuma taatee…. maroo maraaticha
Sukkaaraa facaastee, sukkaara haammachaa
Sukkaara hammaartee, sukkaara siphachaa
Akka Abbaayyaa Biiftuu akka namichichaa
Yoo hadhoofte maali akka baala eebichaa?
Dhibeekee fooyyofta; argattee qoricha.

            *   *    *
Maraadhuu namana fayyaa hinta'in lakkii
Addaan babayitti lallabii mammaakii 
Qaqaa dhaaf raacitii hammaarii waliin maki
Galma Waaqaa seenii caraanii alaakii
Seexana faarsiitii Maleekammoo yakki
Rifatee haa utaaluu qeesiin akka tafkii.

*   *     *
Bar; utuu maraattee…
Dacheen indhuunfatta
Waaqayyuu harma hoota
Seera hundaa ol taata
Safuu ijatti tufta
Feete seera tumta
Feete cirtee gatta,
Alanfattee tufta
Addaanbabayitti, feete raajii himta 
Feete hin bulgaafattaa
Bar homtuu sin sugeessu, akka harreef booyyee
Akka haadha Sonkooroo, akka Akkoo Manooyyee
Hooda maddaa ooltee, hooda maddaa bulta, guyyaa, guyyuufi, guyyee.

*   *    *
Amma utuu maraattee…..
Qilleensi inni baddaa, qilleensi gammoojji
Qilleensi gubbaa tulluu, qilleensi dachaa bajjii
Waayeekee bubbisaa
Warri beedeekeetii, kan sitti firoome maqaakee ol kaasaa
Warri argaakee jibbu, warrii badiikee sirbu, cubbuukee asaasa
Maleekaan siif gaddee imimmaan lolaasa
Seexanaan wal beektuu, arraaba sitti baasaa
Maraadhu namana, maraadhu maal abbaasaa.

                 *    *     *
Ammaa utuu maraattee….
Eyyama kee malee dhiyeeyyuu hin bariyuu
Hin qorru hin dhaamotu, aduun bayee hin ho’u
Eyyemakee malee bar hin qilleensawu
Eyyemakee malee huurriin hin socho’u.
Eyyemakee malee….
Bar urjiiniyyu hin iftu, baatiinu hin goobantu,
Eyyemakee malee….
Niitiin abbaa-warraatti bar hin bargaanfattu.

*   *    *
Amma utuu maraattee…. haati manaakeeyyuu,
wichiroo raafuutiin bar bokokaa hin bultu
Maraadhu namana… nyaata dhangaa haa quuftuu
Maraadhu namana…, wiskii ’ttaa ’bbuuqqattu
Akka warra kaanii, shiittoo dhuufaa haabultu!

*  *   *
Amma utuu marattee giiftiifaa soqoltee
Amma utuu maraattee gooftaafaa kabaltee
Intala ’saaniiyyuu buttee baduu yaaltee
Namooma lagattee jinnii wayii taa’tee   
”Ibd naw zamanaayi” maali yoo jedhamte?

*   *    *
Amma utuu maraattee….
Kan jaallatte muudda
Kan jibbite faalta, yoo feetemmo insaadda
Yoo feete fannistee, yoo barbaadde inreebda
Akka fedha keeti…..,
Yoo barbaadde inrafta, yoo barbaadde inmugda
Barbaadde ijaartee yoo barbaadde indiigdda
Maraadhu namana, maaf na jalaa didda?

*   *    *
Bar; utuu maraattee kan hawwite hundaa battaluma argatta
Kan jaallatte muuddaa, kan jibbite faaltaa
Qabeenya hortee hin qabne, hammaartee tamsaasta
Feetee, maqaa Waaqa dhooftaa, yookaan dhawuusaa lagattaa
Yookaan, saba ajjeesuudhaaf, dura Waaqa ajjeesta 
Yookaan aangoo abjuu kanaaf galatakee jettaa
Rarra’aa fi maxxaanaa hundaaf kennu saafuu
Akka ittiin wal horee, lammiin akka fufu
Gararraa fi gajjallaa uraa uumuu saafuu
Gubbasii deeffachaa goodaa dhaa akka dhuufu
…jettee ogumsaa jajja
Maraadhuu namana, maalumaaf fajajjaa?

*   *    *

                                       Zelealem Aberra Tesfa
                                       24 / 02 / 2018
                                       Helsinki / Finland

Comments

  1. Galatoomi qomoo koo milkaa'inna siif Hawwa.
    GEERRARSA KEETIS JAALADHEERA.
    Osoo maraadhee hoo Anis na jechisiise, garuu kophaa koo hin tolu qomoo koo wojjiin maraadha, yoo san akka garaa koo argadha.

    Maraadhu nMana
    Maraadhuu........

    ReplyDelete

Post a Comment

Popular posts from this blog

Geerarsaa: A Multifaceted Genre of the Oromoo Oral Art

Hooda Rirriittu eele / የማሰሻው ትንግርት

The Repertoires and Social Roles of Oromoo Asmaarii’s Performance